Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa bara 2014 liqii Birrii biiliyoona 10.8 kennuu ibse

Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Bara baajataa xumurame 2014 liqii Birrii biiliyoona10.8 kennuu Baankiin misoomaa Ityoophiyaa beeksise.

Pireezidaantiin Baankichaa Dooktar Yohaannis Ayyaalawu, waggootaan sadan darban baankichi hojiilee riifoormii bal’aa gaggeessaa turuu yaadachiisaniiru.

Bara bajataa xumurames baankichi liqii Birrii biiliyoona 19 raggaasisuuf karoorfatee turuus karooraa ol raggaasisuu dubbatan.

Baraa 2013 liqii Birrii biiliyoona 10 yoo raggaasisu, bara 2014 ammoo Birri biilyoonaa 19’n ga’uuf karoorfatee hojjechuu ahimaniiru.

Bara baajataa xumurame 2014’tti liqii Birrii biilioyoona 22 eeyyameeme keessaa Birri biiliyoona10.8 liqeeffattootaaf kennamuu ibsameera.

Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa hojimaata fooyyessuun amantaa maamiltootaa argachuu fi itti dhiyeenyaan hojjechuun hojiilee bu’aa qabeessa hojjechuu yaadachiisuun, bara 2015ttis caalmaan ammayyeessuu fi fooyyessuun liqii kennuu birrii biiliyoona 30’n ga’uuf raggaasisuuf karoorfachuu ibsameera.

Maddi :TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.