Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Siinqee bara bajataa 2014’tti Birrii miiliyoona 555 ol bu’aa arachuu beeksiise

Finfinnee, Adoolessa 24, 2014 (FBC) – Baankiin Siinqee raawwii hojii bara 2014 fi karoora bara 2015 irratti magaalaa Adaamaatti qooda fudhattoota waliin mari’achaa jira.

Baankiin Siinqee maakroo faayinansii irraa gara Baankitti ol guddachuu fi yeroo gabaabaa keessatti eeyyama baankii argachuu Pireezidaantiin Baankichaa Obbo Nawaay Magarsaan himaniiru.

Qabeenyi baankichaa Birrii biiliyoona 10.2 gahuus dubbataniiru.

Baankiin Siinqee dameewwa 404 qabaachuu eeraniiru.

Akka baankiitti hundaa’ee turtii Waggaa tokko hin guunne keessatti Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 55 ol bu’aa argachuu Obbo Nawaay himuu isaanii OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.