Fana: At a Speed of Life!

Baankoonni daldalaa liqii dhiyeessan %5 qabeenya socha’aaf qabsiisuun akka liqeessan qajeelfamni ajaju ba’e

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC) – Baankoonni daldalaa Ityoophiyaa liqii dhiyeessan keessa % 5 qabeenya socha’aa qabsiisuun akka liqeessan qajeelfamni ajaju ba’uu Baankii Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksise.
 
Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa qajeelfama qabeenya socho’aa qabsiisuun liqii liqeessuu dandeessisu irratti bakka buutoota dhaabbilee Faayinaansii waliin marii taasiseera.
 
Hawaasni jireenya gadi aanaa keessa jiraatan qabeenya socha’aa qabsiisaanii liqii liqeeffachuu akka danda’aniif qaljeelfama Maaykiroo Inshuraansii irratti mari’atameera.
 
Qajeelfamni kun Qonnaan Bultoonni, Horsiisee Bultoonni, ogeeyyiin kalaqaa fi kanneen biroo qabeenya socho’aa qabsiisuun liqii liqeeffachuun fayyadamoo akka ta’an kan gargaaru ta’uu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Yinnaagar Dasseen ibsaniiru.
 
Sirni liqaa kun qabeenya damee qonnaa biyyattiitti haalan fayyadamuuf kan dandeessu ta’uu dubbataniiru.
 
Misooma Invaastimantii jajjabeessuu fi carraa hojii uumuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu Dooktar Yinaagar ibsaniiru.
 
Qajeelfamni kun damee hundaan liqeeffattoota biyyattii amma jiru caalmaatti kan dabalu ta’uu eeraniiru.
 
Dooktar Yinaagar qaljeefamichi damee Faayinaansiin daandii haaraa kan banuudha jedhan.
 
Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa qajeelfamichi hojiirra akka ooluuf qophii barbaachisu taasisuu himaniiru.
 
Qajeelfamni kun bara darbe keessa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaachuun ragga’uun isaa kan yaadatamuudha.
 
Xibabasillaassee Jambaruutu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.