Fana: At a Speed of Life!

Baankoonni hammii qusannoo quqlqulluu walitti qaban of eeggannoof Baankii Biyyaalessaa kaa’uuf dirqaman  % 5 ture gara % 10 akka ol guddatu murtaa’e

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC) – Fulbaana 1, 2021 eegalee Baankoonni hamma qusannoo quqlqulluu walitti qaban of eeggannoo Baankii Biyyaalessaa kaa’uuf dirqaman  % 5 ture gara % 10 akka ol guddatu murtaa’uu Baankiin Biyyaalessaa Beeksiise.

Baankiin Biyyaalessaa hamma qusannoo fi of eeggannoo Baankii Biyyaalessaa kaa’uuf dirqaman ilaalchisee ibsa laateera.

Bara Faranjootaa Fulbaana 1, 2021 eegalee Baankoonni hammi qusannoo qulqulluu walitti qaban of eeggannoof Baankii Biyyaalessaa kaa’uuf dirqaman  % 5 ture gara % 10 akka ol guddatu murtaa’uu ibseera.

Akkasumas Baankooni rakkoo maallaqaa yeroo gabaaf isaan muudatu furuuf Liqaan Baankii Biyyaalessaarraa liqeeffatan hammi dhala waggaa % 13 ture gara % 16 ol guddachuu ibsichaan eerameera.

FinfinneeFeesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

 

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

 

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

 

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.