Fana: At a Speed of Life!

Baarseloonaan Eernastoo Vaalveerdee gaggeesse

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) – Gareen kubbaa miilaa Baarseloonaa leenjisaa Eernastoo Vaalveerdee gaggeessuun, Kiikee Seetiinii mindeessuusaa beeksise.

Eernastoo Vaalveerdee garicha waliin yeroo lamaaf walitti aansuun waancaa Laaliigaa fudhataniiru.

Yaa ta’uutii gareen Kaataalaanii bara leenjisaa kanaa tapha amansiisaa ta’e agarsiisaa waan hin jirreef gaggeeffamuu isaaniif sababa ta’eera.

Baarseloonaan bakka Eernastoo Vaalveerdee leenjisaa Riiyaal Beetis duraanii Kiikee Seetiinii waliin waliigaltee waggaa lamaa fi walakkaa mallatteessera.

Eernastoo Vaalveerdeen bara Faranjootaa 2017 eegalanii hanga guyyaa kanaatti garicha leenjisaa turaniiru.

Vaalveerdeen garicha waliin waancaa Kooppaa Diilaarii tokko, Waancii Suupparii Ispeen tokkoo fi Laaliigaa lama fudhataniiru.

Kiikee Seetiiniin garuu Riiyaal Beetis waliin yeroo tokkoof qofa waancaa Kooppaa Diilaarii walakkaa xumuraaf ga’an.

Inni kunis qabxii isaanii isa olaanaadha jedhameera.

Gareen Baarseloonaa Leenjisaa Eernastoo Vaalveerdee deeggarsa ogummaa fi dhamaatii hojii garichaaf taasisan galateeffachuu isaa ibsa baasen beeksiseera.

Maddi:-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.