Fana: At a Speed of Life!

Baatii Bitooteessaa meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 20 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Eebila 5, 2013 (FBC) – Baatii Bitooteessaa meeshaaleen Kontiroobaandii al ergii fi alaa galu Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 20 fi kuma dhibba 4 olitti tilmaamamu to’atamuu Ministeerri Galiiwwan beeksiise.
Meeshaaleen Birrii miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 35 fi kumni dhibbi 5 fi kumni 43 fi 640 tilmaamamu wayita alaa galuuf jedhu yoo to’atamu, Meeshaaleen Birrii miiliyoona 84 fi kuma dhibba 8 fi kuma 84 fi 86tti tilmaamamu ammoo wayita alatti ergamuuf jedhu to’atamuu ibsameera.
Meeshaaleen to’atame kunneen kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame % 72 caalmaa qaba jedhame.
Meeshaalee kunneen dameewwaan Gumruukaa Daandii Qiilleensaa Finfinnee, Hawaasaa, Jigjigaa, Dirree Dawaa, Mooyaalee, Bahaar Daar, Gaalaafii, Jimmaa, Adaamaa, Awaash, Kombolchaa fi Asoosaatti kan to’ataman ta’uu ragaan Ministeera Galiiwwanirraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
0
People Reached
0
Engagements
Boost Post
Like

Comment
Share
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.