Fana: At a Speed of Life!

Baatii Bitootessaa 2013 daballiin gatii % 20.6 galmaa’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2013 (FBC) – Baatii Bitootessaa bara 2013 daballiin gatii % 20.6 galmaa’uu Ejansiin Istaatistiiksii Giddugaleessaa beeksiise.
Qaala’iinsi gatii kun kan bara darbee yeroo walfaakkaatuun yoo madaallame % 20.6 kan ol ka’e ta’uu Ejansichi ibseera.
Daballiin gatii oomisha miidhaanii irratti muul’ate baatii kanas kan itti fufe ta’uu himeera.
Daballiin gatii midhaan nyaataa baatii kana muul’ate kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame % 22 ol ka’uu Ejansichi ifoomseera.
Qaala’iinsi gatii meeshaalee nyaatan alaa baatii kanaa kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame % 18.9 ol guddachuus ibseera.
Qaala’iinsi gatii waliigalaa kan Gurraandhalaa darbee irraa % 2.9 daballii agarsiisuu Ejansiin Istaatistiiksii Giddugaleessaa eereera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.