Fana: At a Speed of Life!

Baatii Bitootessaa daldala Alaarraa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 53 galiin argame

Finfinnee, Eebila 6, 2013 (FBC) – Baatii Bitootessaa daldala Alaarraa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 53 galiin argamuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiise.
Ministeerichi baatii Bitootessaa keessa Doolaara miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 66 daldala alaarraa galii argachuuf karoorfatee Doolaara miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 53 argachuu beeksiiseera.
Galiin argame kan bara darbee baatii walfakkaatuun yoo madaallame % 26 caalmaa qaba jedhameera.
Baatiwwan salgan darban keessa Doolaara biiliyoona 2.9 daldala Alaarraa argachuuf karoorfamee Doolaarri biiliyoonni 2.45 argamuu ragaan Ministeericharraa argame ni muul’isa.
Ministeerichi raawwii hojii baatiwwan salgan darbanii gamaaggamuu isaa ibseera.
Waliigala raawwiin baatii Bitootessaa % 96 ol milkaa’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.