Fana: At a Speed of Life!

Baatii Caamsaa daldala alaarraa galiin Doolaarri miiliyoonni 419 argame

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Baatii Caamsaa daldala alaarraa galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 19 argamuu ibsame.
Baatii Caamsaa daldala alaarraa Doolaara miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 4 argachuuf karoorfamee Doolaarri miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 19 argamuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allebel fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Galii bara darbe yeroo walfakkaatu argameen yoo madaallame % 29 caalmaa qabaachuu ibsaniiru.
Baatiwwan 11 darbanitti Doolaara biiliyoona 3.69 argachuuf karoorfamee, Doolaarri biiliyoonni 3.22 argamuu eeraniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.