Fana: At a Speed of Life!

Baatii Caamsaa gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa haaluma duraan itti fufa – Ministeericha

Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) – Gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa baatii Eebilaa keessa ture Baatii Caamsaas akka itti fufu murtaa’uu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiseera.
Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii gatii gurgurtaa qinxaaboo boba’aa ilaalchisee ibsa laateera.
Boba’aa Xiyyaaraan ala gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa biroo haaluma baatii Eebilaa gurguramaa tureen baatii Caamsaas kan itti fufu ta’uu ibseera.
Boba’aan Xiyyaaraa haala gabaa Idil addunyaa bu’uura taasiisuun Baatii Eebilaa liitirri 1 Birrii 43.70 gurgurmaa ture saantima 11 dabaluun Birrii 43.81tti akka gurguramu murtaa’uu ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriirraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.