Fana: At a Speed of Life!

Baatii Gurraandhalaa galii Birriin biiliyoonni 19.4 walitti qabame

Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 (FBC) – Ministeerri Galiiwwanii baatii Gurraandhalaa galii Birrii biiliyoona 19.4 walitti qabuu beeksise.
 
Ministeerichi baatii Gurraandhalaa Birrii biilyoona 20.4 walitti qabuuf karoorfatee biiliyoona 19.4 walitti qabuu isaa ibseera.
 
Karoora isaarraa %95 milkeessuu himeera.
 
Baatii darbe kana keessa diinagdee biyya keessarra Birrii biiliyoona 18.8 walitti qabuuf karoorfamee karoorichi guutumatti milkaa’era jedhame.
 
Baatii kana diinagdee biyya keessarraa Birriin biiliyoonni 1.6 dabalataan walitti qabamuu ragaan ministeericharra argame ni muul’isa.
 
Dhuma waggaa kanaatti Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 70 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.