Fana: At a Speed of Life!

Baatii Sadaasa galiin Birriin biiliyoonni 19.2 ol walitti qabame

Finfinnee, Muddee 5, 2013 (FBC) – Baatii Sadaasa keessa galiin Birrii Biiliyoonni 19.2  ol sassaabuu Ministeerii Galiiwwaanii beeksise.

Ministeerich Birrii biiliyoona 9 fi miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 92 ol galii biyyaa keessaa irraa, galii Birrii biiliyoona 9 fi miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 6  ol daldaalaa alaa irraa, galii hafe taaksii fi lootorii irra walitti qabuu beeksiseera.

Baatii Sadaasaa keessa galii walitti qabuuf karoorfame keessaa %92  raawwatamuu ibseera.

Bara baajataa 2013 keessa waliigala Birrii Biiliyoona  dhibba 2 fi biiliyoona 90 sassaabuuf karoorfatee hanga ammaatti Birriin biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 26 fi miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 35 ol walitti qabamuu ibsameera.

Baatii shanan darban keessa galii sassaabuuf karoorfame keessaa % 100 ol walitti qabamuu ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni muul’sa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.