Fana: At a Speed of Life!

Baatii Sadaasaatti daldala alaarraa galiin Doolaarri Kuma dhibbi 3 ol argame

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)- Bara Baajaataa 2014 baatii Sadaasaatti daldala alaarraa galiin Doolaarri miiliyoonni Kumni dhibbi 3 fi kumni 33 fi 932 ol argamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Raawwiichi kan bara darbeen walbira qabamee yoo ilaalamu caalmaa Doolaara miiliyoona 99 fi kuma dhibba 5 fi kuma 63.9 kan qabu ta’uu ibsameera.

Oomishaaleen al-ergii karooraa ol galmeessisan Buna, midhaan zayitaa, mi’eessituuwwan, Abaaboo, Kuduraa fi Muduraa, uffatawwan, nyaataa fi dhugaatii, qorichoota, galteewwan keemikaalaa fi konistiraakshinii, Foonii fi bu’aa aannanii fi Elektirika ta’uu eerameera.

Oomishaaleen %60 hanga 99 galmeessisan midhaan calla, Ixaanaa, Jimaa, Midhaan agadaa fi damee sibiilaa fi Injinariingii ta’uu kaafameera.

Oomishaaleen karooraa gadi galmeessisan loon,  gogaa fi bu’aalee gogaa, Warqee fi baargamoo ta’uu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.