Fana: At a Speed of Life!

Baatiin Sooma Ramadaanaa baatii dhiifama itti waliif taasiifnuudha – Hajii Muftii Umar Idiriis

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Baatiin Sooma Ramadaanaa baatii dhiifama itti waliif taasiifnuudha jedhan Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Hajii Muftii Umar Idiriis.
Hajii Muftii Umar Idiriis Baatii guddaa Sooma Ramadaanaa sababeeffachuun ibsa laataniiru.
Baatiin Ramadaanaa kan hawaasni Musiliimaa nyaataa fi dhugaatirraa fagaatan qofa osoo hin taane, Allaahi waliin kan walitti dhiyaatan, miira dhuunfaa fi of jaalattummaarraa itti fagaataniidha jedhan.
Ibsa isaaniin Baatii Ramadaanaa keessa sagantaa hojiilee tola ooltummaa raawwataman ifoomsaniiru.
Sagantichi Caffee aannanii naannoo Gamtaa Afrikaatti iddoo ijaarsa Masjiidaaf dalleeffame keessatti kan raawwatamuu yoo ta’uu, qaamoleen deeggarsa laachuu barbaadan hundaaf haalli mijataan qophaa’uu eeraniiru.
Baatii kana lammiilee sababa garaagaraan rakkoof saaxilaman gargaaruun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Baatiin Ramadaanaa Baatii Jinniin itti hidhamee fi Qura’aanni itti bu’e ta’uu ibsaniiru.
Ramadaanni kan itti dhiifama waliif taasiifnu, dogoggora Baatii 11 keessa hojjenne keessaa ba’uun gara Allaahitti deebinuudha jedhan.
Hawaasni Musiliimaa Baatii eebbifamaa kanatti fayyadamuuf of qopheessuuu akka qaban hubachiisuu isaanii EBCn gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.