Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan 5 darbanitti damee albuudarra galiin doolaarri miiliyoonni dhibbi 3 ol argamu ibsame

Finfinnee, Muddee 6, 2013 (FBC)- Baatiiwwan 5 darban keessaatti damee albuudarra galiin doolaarri Ameerikaa miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 2 argamu Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa beeksise.
Ministirri Ministeera Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaa akka himanitti, warqeen kiilo giraamni 4083.2 gabaa biyyaa alaaf dhiyaateen galii doolaarri Ameerikaa miiliyoonni dhibbi 9 fi miiliyoonni 99.1 argameera jedhan.
Kanarra darbee fayyootaa fi albudoota irraa galiin doolaarri
Ameerikaa miiliyoonni 3.8 argameera jedhan.
Ministeerichi eeyyaama dhaabbilee hojii albuudaa oomishuu fi qorachuurratti hirmaatan 63 keessaa hanqina raawwii argisiisaniin eeyyamni isaaniif laatamee akka haqamuu taasieera jedhan.
Kanneen keessaas dhaabbileen 38 oomishaa albuudaarratti kan bobba’aan yoo ta’an, 25 ammoo qorannoo albuudaarratti hirmaataniidha.
Bisiraat Mallasaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.