Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan 6n darbanitti meeshaaleen koontiroobaandii Birrii biiliyoona 1 ol to’atame

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Koomiishiniin Guumruukii Ityoophiyaa baatiiwwan 6n darbanitti meeshaaleen koontiroobaandii Birrii biiliyoona 1 olitti tilmaamamu to’aachuu isaa beeksise.

Meeshaaleen kunneen kan to’ataman sakatta’iinsaa fi hordoffii meeshaalee alaa galuu fi ba’u irratti taasifameen ta’uu koomiishinarri Koomiishinii Guumruukii Ityoophiyaa obbo Dabalee Qaabataan dubbataniiru.

Balbala galumsaa fi ba’umsa biyyatii irratti meeshaaleen seeraan ala galanii fi ba’an hordoffii fi sakatta’iinsa taasifameen kanneen akka uffataalee, elektirooniiksii, qorichaalee, meeshaaleen jijjiirraa qaama konkolaataa, shaqaxaa shaqaxni nyaataa, fi baalli sammuu adoochan hedduminaan to’atamuu ibsaniiru.

Akkasumas buufata xiyyaaraatti maallaqni baayy’een qabamuu ibsaniiru.

Dabalataan kaaba baha biyyattiitti meeshaaleen waraanaa seeraan ala socho’aa turan baayy’inaan to’atamuu isaanii koomiishinarich eeraniiru.

Humni tikaa fi nageenya biyyaaleessaa, poolisiin federaalaa, qaamolee nageenyaa naannolee waliin qindoominaan hojii hojjetaniin meeshaaleen kunneen to’atamuu ibsaniiru.

Albuudonni Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 30tti tilmaamamuu fi horiin dhaabbiis to’aatamaniiru jedhan obbo Dabaleen.

Yeroo ammaattis biyyattiitti buufataalee to’annoo 90 ol hundeessuun hojiin to’annoo fi sakatta’iinsaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Maddi:-TOI

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.