Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan 6n darbanitti miidhaan saayibarii 285 qaqqabuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Baatiiwwan 6n darbanitti miidhaan bu’ura misoomaa saaybarii irratti xiyyeeffate 285 raawwatamuu Eejansiin Nageenya Neetwoorkii Odeeffannoo ifoomseera.

Walakkaa waggaa bara baajataa 2012 miidhaan saaybarii irratti raawwate 121 sooftweerii irratti ta’uu eejansichatti diiviizhiiniin qophii ittisa balaa saaybarii fi deebii laachuu ifoomsera.

Marsariitii irratti miidhaan 48, misooma bu’ra daawwiirratti 32, mala kallattii jijjiiruun galuu 75, bu’uura misooma saaybarii yaaliin hojii dhaabsisuu 8 fi haleellaan saaybarii waliin dhahuu 1 raawwatamuun isaa ibsameera.

Miidhaan saaybarii kun kan bara 2011 yeroo walfakkaataarra dachaadhan dabaluun isaa himameera.

Miidhaa teeknooloojii bu’uraalee misoomaa saaybarii irratti xiyyeeffachuun raawwatame hambisuuf eejansichi miidhaa hamaan osoo hin qaqqabin busheessuu danda’eera jedhame.

Haleellaa saaybarii irra ga’u duursanii ittisuu fi erga qaqqabee boodas miidhaa ulfaataa osoo hin geessisin deebii hataattamaa kennuu irratti eejansichi ga’ee olaanaa ba’aa akka jirus ibsameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.