Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan kurnan darbanitti damee Albuudaarra galiin doolaarri  miiliyoonni dhibba 3 ol argame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2013 (FBC)- Baatiiwwan kurnan darbanitti damee Albuudaarra galiin doolaarri Ameerikaa miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 13 argameera.

Baatiiwwan darban damee albuudaa fi boba’aarratti karaa garagaraan fooyya’insii fi sirreeffamni taasifamaa jiraachuu ibsameera.

Fooyya’insa imaammataarra eegalee hojiin dandeetti guddisuu raawwatamuu Ministirri Ministeera Bobaa’aa fi Albuuda Injinaar Taakkalaa Uumaan himaniiru.

Ityoophiyaatti baatiiwwan darban dhiyeessi gabaa alaarraa sharafni olaanaa kan argamee damee albuuda keessaa inni tokkoo warqee ta’uu ibsameera.

Baatiiwwan kurnan darban oomisha albuudaa kiilo giraamaa kuma 5 fi 921.52 gabaa biyya alaaf dhiyeessuu karoorfameen oomishni kiilo giraamni kumni 6 fi 785.42 gabaa biyya alaaf dhiyeessuun danda’ameera.

Damicharra galiin doolaarrii miiliyoonni 501.73 argachuuf karoorfamee doolaarri Ameerikaa miiliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 13 argameera jedhan.

Qaamolee damiicha misoomsuuf eeyyafamaa fudhatanii gara hojiitti hin seenne, hojiicha kan harkifachiisanii fi waada seenaanii kan bu’aa hin agrasifnee dhaabbileen 63 eeyyamni isaanii haqameera.

Akkasumas dhaabbiilee 27 albuuda baasuuf eeyyamaa fudhatanii gara hojiitti hin seenne eeyyamni isaanii har’arraa kaasee akka haqamu ibsaniiru.

Yismaaw Adaraatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.