Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan 6 darbanitti daldala alaa Warqeerraa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 35 ol argame

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (FBC ) – Baatiwwan 6 darbanitti daldala alaa Warqeerraa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 35 ol argamuu ibsame.
Dameewwan daldalaa alaa baatiwwan jahaan darbaniif itti fufiinsaan galii olaanaa argamsiisan keessaa Warqeen sadarkaa duraarratti kan argamu ta’uu ibsameera.
Haaluma kanaan dameewwan daldalaa alaa baatiwwan jahaan darbaniif itti fufiinsa galii olaanaa argamsiisan sadarkaa armaan gadii qabataniiru.
1. Daldala Warqeerraa Doolaarrii miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 35 fi kumni 54
2. Daldala Bunaarraa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 4 fi kumni 46
3. Daldala Abaaborraa Doolaarrii miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 13 fi kumni 37
4. Daldala Jimaarraa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 87 fi kumni 82
5.Midhaan Zayitaarraa Doolaarrii miiliyoonnii dhibbi 1 fi miiliyoonni 50 fi kumni 72 argamuu ibsameera.
Midhaan dheedhiin, uffatalee fi elektirikiin sadarkaa hanga 8ffaatti jiru qabataniiru.
Midhaan nyaataa fi dhugaatiin, Indaastiriin damee Foonii fi Aannanii, Kudurii fi Mudurri, Horiin dhaabbii fi bu’aaleen gogaa fi kalloo walduraa duubiin sadarkaa qabachuu isaanii himameera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa .
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.