Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan 6 darbanitti galii mootummaan seeraan ala dhabuuf ture Birrii biiliyoona 19 ol baraaruun danda’ame – Komishinii Gumruukaa

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2013 (FBC) – Baatiwwan 6 darbanitti hojii Kontiroobaandii ittisuu hojjetameen galii mootummaan seeraan ala dhabuuf ture Birrii biiliyoona 19 ol baraaruun danda’amuu Komishiniin Gumruukaa beeksiise.
Komishiniin Gumruukaa sosochii Kontiroobaandii ittisuuf qaamolee haqaa naannoo Oromiyaa waliin marii taasiiseera.
Kontiroobaandiin karaa hedduun hawaasa kan miidhuu fi biyyi akka hin tasgabboofne qooda qabaachuu Komishinarri Komishinii Gumruukaa obbo Dabalee Qaabataani ibsaniiru.
Komishinichi waltajjii sosochii farraa Kontiroobaandii magaalota Ityoophiyaa garaagaraa keessatti gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Baatiwwan jahaan darbanitti hojii Kontiroobaandii ittisuu hojjetameen maallaqa mootummaan seeraan ala dhabuuf ture Birrii biliyoona 19.313 baraaruun danda’amuu ibsaniiru.
Sosochiin Kontiroobaandii namoota muraasa qofa fayyaduun hawaasa bal’aa fi mootummaa kan miidhu waan ta’eef seera alummaa ittisuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu itti aantuun Preezdaantii fi Qindeessituun Kilaastera misooma magaalota Oromiyaa aadde Caaltuu Saaniin ibsaniiru.
Ministir Deettaan Ministeera Galiiwwanii obbo Zawdee Tafarraa hojmaanni seera alummaa Kontiroobaandii ittisuu tumsa qaamolee hedduu kan gaafatu ta’uu eeraniiru.
Meeshaalee Kontiroobaandii alaa gara keessaa galan ittisuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu itti aanaan Komishinara Komishinii Poolisii Federaalaa obbo Malaakuu Faantaan dubbataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.