Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan arfan darbanitti ijaarsa hidha haaromsaaf Birriin miiliyoonni dhibbi 6 fi miiliyoonni 24 walitti qabamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 21, 2013 (FBC) – Baatiwwan arfan darbaniitti ijaarsa Hidha Haaromsaaf Birriin miiliyoonni dhibbi 6 fi miiliyoonni 24 walitti qabamuu Waajjirri Mana Maree Biyyaalessaa Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsaa beeksiseera.
Baatii Hagayyaa bara 2012 hanga Baatii Onkololeessaa bara 2013tti Birriin miiliyoonni dhibbi 6 fi miiliyoonni 24 walitti qabamuu daayreektarri Kominikeeshinii Miidiyaa fi qunnamtii ummataa mana marichaa obbo Hayiluu Abrahaam ibsaniiru.
Bara baajataa 2012 Birriin miiliyoonni dhibbi 7 fi miiliyoonni 47 walitti qabamu yaadachiisaniiru.
Bara baajataa kana garuu baatiwwaan Arfan darbanitti qofa Birriin miiliyoonni dhibbi 6 fi miiliyoonni 24 walitti qabuun danda’ameera jedhan.
Baatii darbe qofa Birriin miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 55 kennaa fi bittaa Boondiin walitti qabamuu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.