Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan jahaan darban Buna Alatti ergamerraa Doolaarri biiliyoonni walakkaa ol galiin argame

Finfinnee, Amajjii 12, 2014 (FBC) – Baatiwwan jahaan darban Buna Alatti ergamerraa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 78 galiin argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaay beeksiise.
Fooyya’iinsa imaammataa damichaan taasiifameen waggoottan sadan darban keessaa oomisha Bunaarraa galiin argamu dabalaa dhufuu Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayi Dooktar Addunyaa Dabalaan eeraniiru.
Bara kana baatiwwan jahaan darban Buna Toonii kuma dhibba 1 fi kuma 48 fi 882 gabaa alaaf dhiyaaterraa galiin Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 78 argamuu Dooktar Addunyaan eeraniiru.
Galiin argame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 74 caalmaa qabaachuu eeraniiru.
Bara baajataa kana Buna Toonii kuma dhibba 2 fi kuma 80 gabaa alaaf dhiyeessuun Doolaara Ameerikaa Biiliyoona 1.1 argachuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.