Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan jahaan darban yaaliwwan haleellaa Saayibirii Birrii biiliyoona 15 ol kisaaraa qaqqabsiisuuf ture fashalaa’e

Finfinnee, Amajjii 25, (FBC) – Baatiwwan jahaan darban yaaliwwan haleellaa Saayibirii Birrii biiliyoona 15 ol kisaaraa qaqqabsiisuuf ture fashalaa’uu Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo beeksiise.

Baatiwwan jahaan darban yaaliwwan haleellaa saayibarii kumni 2 fi 145 raawwachuu Daayreektarri olaanaan Bulchiinsa Nageenya Odeeffannioo Obbo Salamoon Sokkaan ibsaniiru.

Yaaliwwan kuma 2 fi 49f deebiin laatamuu fi kan hafan ammoo adeemsarra jiraachuu kaasaniiru.

Haleellawwan kunneen Baankilee, dhaabbilee Faayinaansii, dhaabbilee tikaa fi nageenyaa, miidiyaalee, manneen hojii mootummaa federaalaa, Biiroolee naannolee, Fayyaa fi dhaabbilee barnootaa olaanoorratti kan xiyyeeffatan ta’uu obbo Salamoon himaniiru.

Waliigala haleellaa kisaaraa Birrii biiliyoona 15 qaqqabsiisuuf ture baraaruun danda’amuu dubataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.