Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan kurnan darban galiin Birrii biiliyoonni 282.5 walitti qabame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Baatiwwan kurnan darban galiin Birrii biiliyoonni 282.5 walitti qabamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa yaa’ii idilee 8ffaa gaggeessaa jiruun gabaasa raawwii baatiwwan kurnan darbanii Ministeera Galiiwwanii fi dhaabbilee waamamtootaa dhaggeeffachaa jiraachuu ibsameera.
Baatiwwan kurnan darban galii Birrii biiliyoona dhibba 3 fi biiliyoona 60 walitti qabuuf karoorfamee, Birrii biiliyoonni dhibbi 2 fi biiliyoonni 82 fi miiliyoonni dhibbi 5 ol walitti qabamuu Ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqa Ayyaalew ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.