Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan kurnan darbanitti damee gogaa fi bu’aawwan gogaarraa galiin doolaarri miiliyoona 33.14 argame

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Baatiwwan kurnan darbanitti damee gogaa fi bu’aawwan gogaarraa galiin doolaarri Ameerikaa miiliyoona 33.14 argamuu ibsameera.

Daayreektarri daayreektoreetii gamaaggamaa fi qorannoo karoora misooma giddugalaa fi qorannoo indaastirii  obbo Tasfaayee Birhaanuu akka himanitti, baatiwwan kurnan darbanitti damicharraa galii doolaara miiliyoona 69.21 argachuuf karoorfamee doolaarri miiliyoona 33.14 argachuun danda’ameera jedhaniiru.

Oomisha bu’awwan gogaa kopheen doolaara miiliyoona 104.6 baasan gabaa biyya keessatif dhiyeessuuf karoorfamee doolaara miiliyoona 144.6 dhiyeessuun dhiibbaa sharafa alaa biyyatti hir’isuun danda’amu ibsameera.

Baatiwwan kurnan darbanitti damee gogaa fi bu’aawwan gogaatiin lammiilee kuma 8 fi  120 carraan hojii umamu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.