Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan sadan darbanitti Birriin biiliyoonni 55 liqaan kenname – Baankii Biyyaalessaa

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC) – Baatiwwan sadan darbanitti Birriin biiliyoonni 55 liqaan kennamuu Baankiin Biyyaalessaa beeksise.
 
Birrii liqaan kenname keessaa %85 damee dhuunfaaf kan laatame ta’uu bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dookta Yinnaagar Dasee ibsaniiru.
Dooktar Yinnaagar raawwii hanga baatii Fulbaanatti jiru ilaalchise ibsa laataniiru.
 
Baatiwwan sadan darban keessaa maallaqni qusatame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame dachaa 6n caala jedhan.
 
Hanqinni maallaqaa akka hin muudannef hojii hojjetamen bu’aa gaariin galmaa’uu Dooktar Yinnaagar ibsaniiru.
 
Baatiwwan sadan darban keessa qaal’iinsa jireenyaa too’achuuf, sharafa alaa guddisuuf, damee faayinaansii cimsuuf, uwwisa Faayinaasii fooyyessuuf akkasumas hojiin gama qusannoo fi Invastimantiin hojjetaman jajjabeessaa ta’uu bulchaan Baankii Biyyaalessa Ityoophiyaa Dooktar Yinnaagar Dassee ibsa har’a laataniin himaniiru.
 
Dooktar Yinnaagar hojiilee riifoormii dhaabbilee keessatti hojjemaa jiru waliin walqabatees ibsa laataniiru.
 
Laykuun Alamtu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.