Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan saddeettaan darbanitti daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 2.1 argame

Finfinnee, Bitootessa 20, 2013 (FBC) – Bara baajataa 2013 baatiwwan saddeettan darbanitti daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 2.1 argamuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiise.
Baatiwwan 8n darbanitti daldala Alaarraa Doolaara biiliyoona 2.55 galii walitti qabuuf karoorfamee Doolaarari biiliyoonni 2.1 argamuu Ministeerichi beeksiseera.
Galii bara darbe yeroo walfakkaatuun argameen yoo madaallame Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 90 caalmaa qaba jedhame.
Baatiwwaan 8n darbanitti galii daldala Alaarraa sassaabuuf karoorfame % 82 milkeessuun danda’amuu ragaan Mininsteera Daldalaa fi Indaastiriirraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.