Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan saddeettan darbanitti meeshaaleen kontiroobaandii birrii biiliyoona 2.2tti tilmaamu to’atame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2013 (FBC) – Baatiwwan saddeettan darbanitti meeshaaleen kontiroobaandii al ergii fi alaa galu Birrii biiliyoona 2.2tti tilmaamu to’atamuu Komishiniin Guumrukaa beeksiise.
Komishinichi hoggantootaa fi hojjettoota waajjira Komishinicha damee Mooyaalee fi Hawaasaa waliin haala to’annoo Kontiroobaandii ilaalchisee marii gaggeesseera.
Baatiwwan saddeettan darbanitti meeshaaleen kontiroobaandii al ergii fi alaa galu Birrii biiliyoona 2.2tti tilmaamamu to’atamuu Komishinarri Komishinii Guumrukaa obbo Dabalee Qaabataan ibsaniiru.
Meeshaaleen to’ataman kunneen kan bara darbee yeroo walfakkuun yoo madaallame % 40 caalmaa qaba jedhan.
Sosochii Kontiroobaandii ittisuuf qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Jijjiirramaan dura daldalli Kontiroobaandii caasaalee mootummaa daheeffachuun saamichi guddaan gaggeeffamaa turuu itti aanaan Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdaaw ibsaniiru.
Hojmaata bada fi alseerummaa ittisuuf hojii hojjetameen yeroo gabaabaa keessatti jijjiirramni argamuu himaniiru.
Bu’aa damichaan argame keessatti hirmaannaan ummataa fi murannoon mootummaa olaanaa ture jedhan.
Abbaan Gadaa Godina Arsii Lixaa Nageessoo Gammachuu gama isaaniin godina Arsii Lixaa keessatti daddabarsi baala sammuu namaa adoochuu haalaan babal’achuu eeraniiru.
Yeroo ammaatti ooyiruu qonnaan bulaa keessatti illee dhoksaan oomishamaa jira jedhan.
Hawaasni miidhaa inni qaqqabsiisu hubachuun gochicharraa of qusachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.