Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan shanan darbaniitti daldalaa alaarraa galiin doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 1.33 argamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC)- Baatiwwan shanan darbaniitti daldalaa alaarraa galiin doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 1.33 argamuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii ibseera.
Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allabal ibsa miidiyaaleef laataniin, baatiwwan shanan darbaniitti daldalaa alaarraa galiin doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 1.33 argameera jedhan.
Baatiwwan shanan keessaatti daldala alaarraa doolaara Ameerikaa biiliyoona 1.41 argachuuf karoorfame ture jedhan.
Bara baajatichaatti raawwii baatiwwan shananin %94 milkeessuun danda’ameera jedhaniiru.
Raawwichi kan bara darbee yeroo walfakkataan wal bira qabamee yoo ilaallamuu caalmaa doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 24.5 ykn %20 akka qabus obbo Malakuun ibsaniiru.
Bara baajata 2013 baatiwwan shanan jalqabaatti damee albuudaarra karooraa ol % 271 yoo milkaa’u, damee indaastirii oomishaarra % 93 akkasumas damee qonnaarra %76 milkeessuu danda’amuu ragaan Ministeericharra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.