Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan torban darbanitti buna gabaa addunyaaf dhiyaaterraa Doolaarri miiliyoonni dhibba 4 ol argame

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2012 (FBC) – Baatiiwwan torban darbanitti buna gabaa addunyaaf dhiyaaterraa Doolaarri miiliyoonni dhibba 4 fi miiliyoonni 7 argameera.

Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaa baatiiwwan torban darbanitti buna gabaa addunyaaf dhiyaaterraa Doolaarri miiliyoonni dhibba 4 fi miiliyoonni 7 argamuu beeksiseera.

Daayreektarri daayreektoreetii Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaa Dooktar Addunyaa Dabalaa baatiwwan 7 darbanitti bunni tooniin 150 gabaa addunyaatif kan ergame yoo ta’ellee, galii waliin walbira qabamee yoo ilaalamu kan waggaa kurnan har’aa ture gadi ta’uu ibsaniiru.

Bunni hedduminaan gabaa alaaf dhiyaatus sababa gabaan bunaa qorreef galiin argame gadi aanaa akka ta’e kaasaniiru.

Galii bunaa guddisuuf hojiiwwan garagaraa raawwachaa akka jiranis dubbataniiru.

Ityoophiyaan Kamisa dhufu yeroo jalqabaaf waltajjii marii qulqullina bunaarratti xiyyeeffate ni keessumeessiti jedhaniiru.

Biiniyaam Sisaaytu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.