Fana: At a Speed of Life!

Baayidaanii fi Puutiin to’annoo meeshaa waraanaa fi nageenyaa saayibeeriirratti marii taasisuuf waliigalan

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidaanii fi gita isaanii Raashiyaa Viildaamiir Puutiin waliin to’annoo meeshaa fi nageenya saayiberiirratti marii taasisuuf yeroo jalqabaaf waliigalaniiru.

Aanga’oonni biyyoota lameenii guyyaa kaleessaa Jeeneevaatti dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.

Turtii isaaniin nageenya saayibeerii, to’annoo meeshaa waraanaa, carraa morkataa Raashiyaa Aleeks Naavaalnii fi hariiroo dippiloomaasiirratti xiyyeeffannoo laachuun mari’ataniiru.

Kanarra darbees filannoo preezdaantummaa Ameerikaa

2020 waliin walqabsiisee burjajii mudateen amabasaaddaroonni biyyoota lamaanii ba’aan akka deebi’aan waliigalteerra ga’aaniiru.

Haata’uu malee Baayidaanii fi Puutiin morkataa Raashiyaa Aleeksii Naavaalnii mana hidha keessaa jiruurratti waliigalteerra ga’uu dhabuusanii gabaasichi ibseera.

Maddi:-AL Jaazira

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.