Fana: At a Speed of Life!

Baazaariin Teeknooloojii Afrikaa qaammee 2-4, 2014 Ityoophiyaatti gaggeeffama jedhame

Finfinnee, Hagayya 3, 2014(FBC)- Baazaariin Teeknooloojii Afrikaa qaammee 2-4, 2014 Ityoophiyaatti kan gaggeeffamu ta’uu ibsame.

Baazaaricha kan qopheessan Joorkaa Ivantisiifi ATX yeroo ta’u, dhaabbileen teeknooloojii Afrikaa, Ameerikaa, Eeshiyaafi Amerikaa Kaabaa kan hirmaatan ta’uu eerameera.

Baazaricha ilaalchisuun Ministeera Dhimma Alaatti Daayrektarri Paabilik Dippiloomaasii Amabaasaaddar Diinaa Muftii fi Daayrektarri Kominikeeshinii Joorkaa Ivantis Saamsoon Hayilayyasuus waloon ibsa laataniiru.

Baazaarichaan oomishaafi tajaajila beeksisuurra darbee gama teeknooloojiin Afirikaa fi biyyoota addunyaa biro beeksisuuf kan fayyadu ta’uu ibsameera.

Baazaarichi Ityoophiyaaf faayidaalee hedduu kan fiduu keessumaa  maqaa gaarii biyyattii guddisuufi ijaarsa diinagdee irratti shora olaanaa qabaachuu Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.

Dabalataanis dippiloomaasii dinagdee guddisuufi teekinooloojiiwwan mijatoo gara biyya keessaa galchuuf kan gargaaru ta’uu ibsuun, milkaa’ina baazaarichaaf dhaabbileen mootummaa dhimmi isaa ilaallatu deeggarsa barbaachisaa kan taasisan ta’uu  addeessaniiru.

Baazaarichi teekinooloojii soolaarii, konkolaattota elektirikaa, kaffaltii diijitaalaaf, teelekoominikeeshiniifi hojiilee baankiirratti kan xiyyeeffate ta’uu kan eeran ammoo Daayrektara Kominikeeshinii Joorkaa Ivantis Saamsoon Hayilayyasuusi.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.