Fana: At a Speed of Life!

Babal’achuu weerara vaayrasii koroonaa fi sirna dubbisa lakkooftuu elektiriikaa mana manarraa

Finfinnee, Caamsaa 27, 2012 (FBC) – Babal’achuu weerara vaayrasii koroonaatin sirna dubbisa lakkooftuu elektiriikaa mana manarraa hambisuuf hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Elektiriikaa Ityoophiyaa beeksise.
 
Itti aanaan hoji raawwachiisaa diistiriibuushinii siistamii tajaajilichaa obbo Bizuuwarq Damiseen Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turmaata taasisaniin akka beeksisanitti, dubbisuun mana manarraa tuttuqqii hambisuun walirraa fageenya eeguun hojjechuun ni danda’ama jedhu.
 
Yaata’uutii warri manaa sababii weerara vaayrasii koroonaatin namni dubbisuuf deemu akka dallaa isaanii hin seenne dhoorkuu danda’u.
 
Sodaa kana hambisuufis hojii dubbisa mana manarraa hambisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Maamiltoonni baatiiwwan 6n kanaan dura darbaniin gatii kaffalaa turan akka kaffalan ni taasifamas jedhan.
 
Tajaajila kallattii intarneetii hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuus beeksisaniiru.
 
Dhaabbatichi yeroo ammaatti maamiltoota miiliyoona 3.2 ol qaba.
 
Maamiltoonni ammeentaa elektiriikaa fayyadaman karaa baankitiin akka kaffalan hojjetamaa jiras jedhan.
 
Kun ammoo babal’achuu weerara vaayrasii koroonaatin sirna dubbisa lakkooftuu elektiriikaa mana manarraa hambisuuf hojjetamaa jiraachuu muul’isa jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Taariik Addunyaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.