Fana: At a Speed of Life!

Babal’inni dhibee heeppiitaaytas bal’aa ta’uu isaatin ummanni of eeggannaa taasisuu qaba jedhame

Finfinnee, Adoolessa 21, 2012 (FBC) – Babal’inni dhibee heeppiitaaytas (dhibee tiruu) bal’aa ta’uu isaatin ummanni of eeggannaa taasisu cimsuu qaba jedhe Ministeerri Fayyaa FDRI.
 
Ministir deettaan ministeerichaa Dooktar Darajjee Dhugumaan har’a guyyaan heeppitaaytasii addunyaa yoo kabajamu akka beeksisanitti, dhibichi dhibeewwan hamoo ajjeestuu ta’an keessaa addunyaarraa sadarkaa lammaffaarratti argama.
 
Mootummaan xiyyeeffannaadhan irratti hojjechaa jiraachuu eeruun, barana ogeeyyii fayyaa saaxilamoo ta’an kuma dhibba 6 kuma 75 oliif talaalliin laatamuu eeran.
 
Bara Faranjootaa 2007rraa eegalee idileedhan akka talaalliitti daa’immaniif laatamaa jiraachuu eeran.
 
Guyyichi akka addunyaatti yeroo 10ffaaf, akka Ityoophiyaatti ammoo si’a 7ffaaf kabajameera.
 
Addunyaarratti waggaa waggaadhan namoonni miiliyoonni 1.3 dhibee heeppitaaytasiin lubbuu isaanii ni dhabu.
 
Ityoophiyaan dhibichi kan itti babal’ate keessatti kan ramadamte yoo ta’u, bara Faranjootaa 2017 qorannaa hojjetameen namoonni %9.4 heeppitaaytas B, %3.1 ammoo heeppitaaytas C kan qaban ta’uun ibsameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.