Fana: At a Speed of Life!

Badhaasni atleetii ciccimoo Afrikaa 2019 ifoome

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) –Badhaasni atleetii ciccimoo Afrikaa bara Faranjootaa 2019 ifoome.

Preezdaantiin Koonfedereeshinii Atleetiksii Afrikaa atleetota badhaasa atleetii cimaa fi cimtuu bara Faranjootaa 2019 moo’atan kaleessa ifoomsaniiru.

Haaluma kanaan dubartiidhan Gudaaf Tsaggaay, dhiiran ammoo Lammeechaa Girmaan atleetota ciccimoo dargaggoota Afrikaa ta’uun Ityoophiyaa irraa filatamaniiru.

Briijid Koosgeey dubartiidhan, Timooz Cheeruyoot ammoo dhiiran Keeniyaadhaa atleetota ciccimoo ga’eessotaa bara Faranjootaa 2019 ta’uun filatamaniiru.

Leenjisaan fiigicha dheeraa Huseen Sheeboo leenjisaa cimaa ta’uun filatameera.

Mohaammad Wahaabii daayreektara teekniikaalaa cimaa taphoota Afrikaa bara Faranjootaa 2019 ta’uun filatamuu ragaan Gamtaa Atleetiksii Afrikaa irraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.