Fana: At a Speed of Life!

Badhaasni qulqullinaa Ityoophiyaa 7ffaan kenname

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2012 (FBC) – Badhaasni qulqullinaa Ityoophiyaa 7ffaan kenname.
 
Badhaasichi kaleessa Masaraa Biyyoolessaatti bakka preezdaant Saahilawarq Zawdeen argamanitti gaggeeffameera.
 
Badhaasichi sadarkaa qulqullina idil addunyaa damee 7n dhaabbilee dorgoman 25, keessaa 8f kennameera.
 
Hoospitaalli Waliigalaa Gaambii Baahir Daarii fi Waldaan Aksiyoona Biiraa Harar badhaafamtoota sadarkaa qulqullinaa olaanaa ta’uudhan badhaasa isaanii preezdaant Saahilawarq Zawdee harkaa fudhataniiru.
 
Dhaabbanni Badhaasa Qulqullinaa Biyyoolessaa waggaa 11n har’aa hundaa’e, amma ammaatti dhaabbilee 349 waldorgomsiisee, 66f waancaa beekamtii laatera.
 
Dhaabbatichi Miidiyaa fi Koominikeeshinii Waaltaa fi Yuunvarsiitii Finfinneetin bara 2000 kan hundaa’edha.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.