Fana: At a Speed of Life!

Bakka buutoota naannoo Tigraay walga’iirratti hin argamnerratti tarkaanfiin ni fudhatama – Af yaa’ii Taaggasee Caafoo

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC) – Bakka buutoota naannoo Tigraay walga’iirratti hin argamnerratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu Af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoon himan.
 
Miseensoota bakka buutoota Ummataa naannoo Tigraay walga’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarratti hin argamnerratti tarkaanfiin bulchinsaan kan fudhatamu ta’uu Af yaa’iin mana marichaa obbo Taaggasee Caafoo ibsaniiru.
 
Af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoon dhimmoota garaagaraarratti ibsa laataniiru.
 
Walga’ii mana marichaa lamaan darbanirratti nama tokkoon ala miseensoonni bakka buutoota Ummataa naannoo Tigraay kan hin argamne ta’uu ibsaniiru.
 
Manni marichaa waamicha taasisuus miseensoonni kunneen waan hin argamneef tarkaanfiin bulchiinsaa irratti ni fudhatama jedhan.
 
Rakkoo kamiiyyuu karaa nagaan hiikuun osoo danda’amu biyya diiguuf adeemsi deemamu fudhatama hin qabaatu jedhan.
 
Obbo Taaggasee Caafoon filannoo bara kana gaggeeffamuuf Boordiin Filannoo Biyyaalessa dhiyeessii meeshalee %90 xumuruu ibsaniiru.
 
Filannichi demookraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’uu qophiin paartiilee morkattootaa murteessaa ta’uu eeraniiru.
Manni marichaa lammiilee balaa lolaan miidhamaniif deeggarsa meeshaalee Birrii miiliyoona 40 taasisuus himaniiru.
 
Weerara hoomaa Awwaannisa gammoojjii iddoolee garaagaraatti muudate gamaaggamuuf jilli miseensota mana marichaa bakka adda addaatti socha’uu dubbataniiri.
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.