Fana: At a Speed of Life!

Bakkalcha qabsoo fi urjii dammaqiinsa siyaasa Oromoo obbo Galaasaa Dilboo dhabuun gadda guddaa dha! -MNO

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa boqachuu Jaal Galaasaa Dilboo ilaalchisee ibsa gaddaa baaseera.
Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.
Bakkalcha qabsoo fi urjii dammaqiinsa siyaasa Oromoo Obbo Galaasaa Dilboo dhabuun gadda guddaa dha!
Hangafaa fi bakkalcha qabsoo Oromoo, nama osoo ofii hin jiraatiin umrii guutuu bilisummaa fi dantaa ummataatiif jedhee wareege, urjii dammaqiinsa siyaasa Oromoo kan ta’an Obbo Galaasaa Dilboo, du’aan addunyaa kanarraa boqachuu isaanii dhagahuun baay’ee ulfaataadha. Sadarkaa siyaasni Oromoo har’a irratti argamu kanaaf bu’uura cimaa buusuun isaanii kan nama boonsuu fi siidaa bara baraa yoomilee maqaan isaanii ittiin yaadatamu ta’uullee, akka nama tokkotti guyyaa tokkoollee afuura boqnnaa osoo hin fudhanne, maatii horadheen qaccee koo itti fufsiisa osoo hin jenne hangaa dhumaatti qabsoo sabaarratti akka cichaniin yommuu darban gaddi namatti dhagahamu hammaataa dha.
Akka seenaan jireenyaa isaanii ibsutti, Obbo Galaasaan Godina Wallaga Bahaa Magaalaa Naqamteetti kan dhalatan yommuu ta’u, barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa isaanii magaaluma kanatti akka xummuran beekama.
Bara dhaloota Obbo Galaasaa Dilbootti carraa barnootaa ol’aanoo argachuun kan raajeeffamuu fi gahumsa ol’aanaa kan gaafatu ta’uullee, carraan argatan cunqursaa fi hameenya saba Oromoorra gahaa ture caalee waan itti hin mullaneef, bara 1966 yeroo sanatti Univarsitii Qadaamaawii Hayilasilaasee; isa yeroo ammaa Yunivarsitii Addis Ababaa jedhamee waamamu erga seenaniin booda battala Dargiin aangoo qabatetti qabsoo sabaatiif jecha gara Soomaaliyaa akka imalan seenaa isaaniitu ibsa.
Qabsoon farra Dargii bu’uura siyaasaa fi hidhannoo cimaa gaafachuu isaarraa kan ka’e, qophii laf-jaleetiif gara Somaaliyaa kan imalan ta’ullee, haalli fi amalli anga’oota biyyattii Obbo Galaasaa fi jaallan isaanitiif gaarii hin turre.
ABO’n siyaasaa fi hidhannoodhaan jaarmiyaa cimaa qabsoo sabaa ta’ee hanga ijaaramutti jaallan isaanii waliin wareegama qaalii erga kaffalaniin booda gara biyyaatti dabi’uun qabsoo hidhannoo farra Dargiitti makamuu danda’aniiru.
Goonni ni dhalata akkuma jedhamu sana, hagafti qabsoo Oromoo Obbo. Galaasaan, gaaffiiwwan bu’uuraa ummata Oromoo boqonnaa sadii cehe hunda keessatti gaggeessummaadhaan, madda yaadaa fi yaadama ajandaa qabsoo sabaa ta’uudhaan gootummaan jalqabanii gootummaan xummraniiru.
Boqonnaa qabsoo sirna Dargiin dura ture keessatti adda duroota qabiyyeen lafaa qonnaan bulaaf haata’u jedhanii adda isaanii kennan keessaa tokko ta’anii injifannoon xummuraniiru. Falmii waggoota 17f Sirna Dargii waliin taasisaniin booda, yeroo cehumsaa hayyu duree ABO ta’uun gaaffiin eenyummaa sabaa mirgi ofiin of bulchuu fi afaan ofiitiin fayyadamuu , Oromiyaa fi Oromummaan bu’uura cimaa akka qabaatu taasisuu keessatti gumaacha ol’aanaa taasisaniiru.
Yeroo cehumsaatiin booda gaaffiin eenyummaa sabaa bu’uura gaarii kan qabate ta’ullee, dirreen demokraasii dhugaa qabsoof mijatu waan hin turreef, Obbo Galaasaan waggoottan qabsoo 27 biraa biyya alaatti erga dabarsuun jijjiirama bara 2010 dhufeen booda gara biyyaatti deebi’uu danda’aniiru.
Jijjiirama bara 2010 booda, demokraasii dhugaa fi fayyadamummaa haqa-qabeessa lafa qabsiisuuf qabsoo obsa fixachiisaa humnoota faallaa jijjiiramaa waliin taasifamaa ture tumsaa kan turan yommuu ta’u, boqonnaa sadaffaa qabsoo Oromoo keessattis seenaa yoomillee hin dagatamane galmeessanii darbaniiru.
Obbo Galaasaan bu’aa qabsoo Oromoo dhuunfaan Osoo hin taane, akka Sabaatti waan madaalaniif, jaarmiyaalee qabsoo Oromoo gidduutti garaagarummaan sagantaa siyaasaa bal’aan waan hin jirreef wal-faallaa dhaabachuu manna waliin dhaabachuun waan hunda caalaa duursuu qaba jedhanii nama amantaan qabsaa’aniidha. Hanga Lubbuun isaanii darbetti ejjennoo siyaasaa wal-tumsaarraa osoo hin maqne, yaadaa fi gorsa qabsoo ummata Oromoo humneessuu fi tokkummaa isaa cimsu gumaachaa turaniiru.
Obbo Galaasan jijjiirama bara 2010 asittis Bu’uurri demokraasii cimaa fi qabsoo karaa nagaa akka dagaagu ejjennoo cimaadhaan qabsaa’aa kan turan yommuu ta’u, haaluma kanaa filannoo bara 2013 geggeeffameen aanaalee Godina Harargee Bahaa sadii Gola Odaa, Qumbii fi Malkaa Bal’oo bakka bu’uunii dorgomanii injifachuun hanga lubbuun isaanii darbutti miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ta’anii tajaajilaa turaniiru.
Firaa fi aantee kooti osoo hin jenne, ummataaf dhalatanii ummataaf wareegamaniiru. Obbo Galaasaan lubbuun darbaniis seenaan isaan qabsoo Oromoo keessatti galmeessan siidaa bara baraa dhaloonni irraa barachaa ittiin isaan yaadatuudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas du’aan boqachuu gameessa qabsoo Oromoo Obbo Galaasaa Dilboon gadda itti dhagahame maqaa ummata Oromootiin ibsaa, firoottan, jaalleewwan qabsoo isaanii fi ummata Oromoo maraaf jajjabina hawwina!
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bitooteessa 22/2014
Finfinnee
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.