Fana: At a Speed of Life!

Bakkeewwan Allaamaaxaa hanga Qobboo jiran tajaajila elektirikaa argatan

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2015(FBC)- Waraana garee shororkeessaa ABUT baneen miidhaa bu’uuraalee misoomaa elektirikiirra gaheen magaalonni tajaajilli elektrikaa irraa cite ture tajaajila elektirikaa argachuu ibsame.

Magaalonni Allaamaaxaa, Kooram, Waajaa, Dhummuugaafi Qobboo irra deebiin tajaajila elektirikaa argachuu Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaatti Daayrektarri Damee Waldiyaa  obbo Shimallis Waldasamaayaat ibsaniiru.

Bakkeewwan kunneen tajaajila elektirikaa buufata raabsaa elektirikaa Allaamaaxaarraa waan argataniif yeroo dheeraaf humni elektirikaa irraa cite turuu eeraniiru.

Haa ta’u malee miidhaa sararoota elektirikaarra gahe suphuun tajaajilicha deebisuun danda’amuu ibsuusaanii ragaan Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.