Fana: At a Speed of Life!

Bakkeewwan walitti bu’iinsi turetti buufataaleen boba’aa hojii akka eegalan ni taasifama jedhame

Finfinnee, Sadaasa 24, 2015(FBC)- Bakkeewwan walitti bu’iinsi turetti buufataaleen boba’aa hojii akka eegalan kan taasifamu ta’uu Abbaan Taayitaa boba’aafi Inarjii beeksise.

Bakkeewwan kanneenitti buufataalee boba’aa yeroo gabaabaa keessatti gara hojiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Daayrektarri olaantuun abbaa taayitichaa aadde Saahirallaa Abdullaahiin, boba’aa deeggarsa namoomaaf dhiyaatu waliingahuurra darbee buufataalee boba’aa suphamuun tajaajila akka laataniif hojjetamaa jira jedhan.

Hojiin buufataalee boba’aa sababa waraanaan miidhaan irra gahe adda baasuu hojjetamuu eeraniiru.

Qaamolee dhimmamtootaa dhiyeessiifi raabsaa boba’aarratti bobba’an waliin karoora waloo qopheessuun gara hojiitti galamuus addeessaniiru.

Buufataalee boba’aa bakkeewwan haalli mijataan uumametti argaman tokko tokkof boba’aan dhiyaachuu eegaluu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.