Fana: At a Speed of Life!

Balaa hombobbolessaa Ispeenitti muudateen lubbuun namoota 13 darbe

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Balaa hombobboleessaa Ispeeniitti muudateen lubbuun namoota 13 yoo darbu, namoonni 4 ammoo as buuteen dhabamuu ibsame.

Dambalii cimaa Baha biyyattii muudate kanaaf Muummeen Ministiraa biyyattii Peedroo Saancheez guyyaa har’aa walaga’ii yeroo ariifachiisaa waamaniiru.

Miidhaa lubbuu fi qabeenya irra ga’aa jiru baraaruuf qaamni hundi gamtaan harka walqabatee hojjechuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Dambaliin bubbee fi rooba cimaan walmake kun balaa lolaa hammaataas qaqqabsiisaa jira jedhameera.

Hombobboleessi kun sa’aa tokkotti saffisa kiloo meetira 100 uwwisuu danda’u akka qabus eerrameera.

Dambaliin bubbee kun jiraattoota hedduu qa’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqiseera.

Keessattuu kutaa bulchiinsa Kaataalooniyaa, Vaaleenshiyaa akkasumas kibba biyyattiitti ammoo Murshayaa fi Andaaluzyaatti roobaa fi cabbii uwwisuun bu’uraalee misoomaa hedduu barbaddeessera jedhame.

Hammi namoota lubbuun darbanii dabaluu akka danda’u aanga’oonni biyyattii ibsaniiru.

Maddi:-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.