Fana: At a Speed of Life!

Balaa Ibiddaa kutaa magaalaa Kolfee Qaraniyootti muudateen qabeenyarra miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Eebila 5, 2013 (FBC) – Balaa Ibiddaa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qaraniyootti muudateen qabeenyi birrii miiliyoona 1 olitti tilmaamamu barbaadaa’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa magaalichaa beeksise.

Balichi har’a ganama kutaa magaalichaa aanaa 4 iddoo addaa addabaabayii Alem Baankii jedhamuun beekkamutti qaqqabuu dursaan garee sab quunnamtii ummataa Komishinichaa obbo Gululaat Geetaanahin ibsaniiru.

Suqoonni 5 gubachuu fi qabeenyi birrii miiliyoona 1 olitti tilmaamamu barbaadaa’uu himaniiru.

Balicha to’achuuf tattaaffii taasiifameen qabeenya birrii miiliyoona 12tti tilmaamamu baraaruun danda’amuu dubbataniiru.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachuus ibsaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.