Balaa Ibiddaa Turkitti mudateen lubbuu namootaa darbeef mootummaan Itiyoophiyaa gaddi itti dhagahamuu ibse
Finfinnee, Amajjii 13, 2017 (FMC) – Turki bulchiinsa Booluutti Balaa Ibiddaa mudateen lubbuun namoota 66 yoo darbu, namoota 51 oliirra miidhaan qaamaa qaqqabuu ibsameera.
Balicha hordofee miidhaa lubbuu namaa fi qabeenyarra gaheef gaddi itti dhagahamuu Mootummaan Itiyoophiyaa ibseera.
Mootummaan Itiyoophiyaa waayita rakkoo kana Mootummaa fi Ummata Turkii cinaa kan dhaabbatu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibsa gaddaa baaseen himeera.
Balaan har’a ganama Kaaba Turkii bulchiinsa Booluu Riizoortii Kaartaalkaayaatti mudatee ture yeroo ammaa guutummaatti to’atamuu TRTn gabaaseera.
#Oromiyaa #Ethiopia