Fana: At a Speed of Life!

Balaa Ibiddaa Yemanitti qaqqabeen lubbuun lammiilee Ityoophiyaa hedduu darbe – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2013 (FBC) – Balaa Ibiddaa Yemanitti qaqqabeen lubbuun lammiilee Ityoophiyaa hedduu darbuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin har’a ibsa torbee laataniiru.
Ministeerichi balaa Ibiddaa Yeman magaalaa Sana’aatti qaqqabeen lakkoofsa sirrii lammiilee Ityoophiyaa miidhamanii qulqulleessaa jiraachuu ibsaniiru.
Imbaasiin Ityoophiyaa Oomaan Muskaatti argamu dhimmicha itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu himaniiru.
Dhaabbata Godaansaa Idil Addunyaa waliin ta’uun lammiilee balicharraa hafan naannichaa baasuuf tattaaffiin taasiifamaa jiraachuu Ambaasaaddar Diinaan dubbataniiru.
Gama biroo dippiloomaasii lammiileerratti xiyyeeffate hojjetameen lammiileen Ityoophiyaa 733 torbee darbe keessa gara biyyaa akka deebi’an taasiifamuu eeraniiru.
Faasiikaaw Taaddasaa fi Yismaaw Adaraatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.