Fana: At a Speed of Life!

Balaa lolaa Indooneezhiyaatti mudateen lubbuun namoota 70 ol darbe

Finfinnee, Bitootessa 27, 2013 (FBC) –Balaa lolaa fi sigiga lafaa Dilbata kaleessaa Indooneezhiyaa fi Baha Tiimoritti mudateen lubbuun namoota 70 ol darbeera.

Biyyoota Baha Eeshiyaa ollaa tahan kanatti rooba cimaa roobeen bishaan hidha irra dhangala’uun manneen kumaatamatti lakka’amaan fudhateera.

Naannoon lolaa kanaan miidhame odola Filoores, Baha Indooneezhiyaatii hanga Baha Tiimoorittidha.

Balaa lolaa qaqqabee kanaan namoonni 40 achi buuteen isaanii dhabameera.

Lakkoofsi namoota du’aniis dabaluu danda’a jedhameera.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffan

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.