Balaa Tiraafikaan Lubbuun Namoota 7 darbe
Finfinnee, Amajjii 12, 2017 (FMC)- Naannoo Tigraay Aanaa Kilitte Awulaalootti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 7 darbuun ibsame.
Balichi konkolaataa Minibaasii Hawuzeen irraa gara Maqaleetti imalaa ture daandii faallaan konkolaata deddeebisa Ummataa dhufaa jiru waliin walitti bu’uun kan mudate ta’uun eerameera.
Balichaan lubbuu namootaa darbeetti dabalataan namoota 6 irraa miidhaan qaqqabuu ragaan poolisii aanichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia