Fana: At a Speed of Life!

Balaan Bakakkaa Lubbuu daa’immaan lamaa galaafaate

Finfinnee, Eebla 16, 2015 (FBC) – Godina Beenchii Shakkoo Magaalaa Miizan Amaanitti balaan Bakakkaa Lubbuu daa’immaan lamaa galaafate.

Magaalichatti Rooba cimaa guyyaa keessaa naannawaa sa’aatii 8:30 roobeen Balaan Bakakkaa lubbuu daa’immaan lamaa galaafachuu Ajajeen Poolisii magaalaa Miizan Amaan Saajin Olaanaan Adaanaa Alamaayyoohu ibsaniiru.

Daa’immaan kunneen Bishaan waraabuuf wayita laga bu’anitti Roobni roobuu isaan muka jalatti bakka dheeffaniitti balaa Bakakkaan lubbuun isaanii darbuu ibsaniiru.

Daa’immaan kunneen durbaa fi dhiira umrii waggaa 5 fi 7 ta’uu isaanii ragaan Komishinii Poolisii naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.