Fana: At a Speed of Life!

Balaan Ibiddaa gaara Kiiloomaanjaaroorratti muudate bosona lafa Iskuweer Kiiloo Meetira 28 irra ture barbadeesse

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2013 (FBC) – Balaan Ibiddaa gaara Kiiloomaanjaaroorratti muudate bosona lafa Iskuweer Kiiloo Meetira 28 irra ture barbadeesse.
Taanzaaniyaatti hawwata Turistii olaanaa kan ta’e gaarri Kiiloomaanjaaroo Meetira 5895 dheerata.
 
Balaa Ibiddaa muudate kana dhaamsuuf tola ooltoonni 500 hojjechaa jiraachuu aanga’oonni biyyattii eeraniiru.
 
Tola ooltoonni kunneen ariitii balaa ibiddichaa hanga tokko hir’isuu danda’aniiru jedhame.
 
Maddi ka’umsa balichaa hanga ammaatti kan hin beekkamne ta’uu ibsameera.
 
Balaa muudate kanaan bineensota bosonaarra miidhaa cimaan qaqqabuu himameera.
 
Maddi:-Reuters
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.