Fana: At a Speed of Life!

Balaan Ibiddaa Paarkii Biqiltootaa Gullalleetti qaqqabee ture miidhaa cimaa osoo hin qaqqabsiisiin to’atame

Finfinnee, Amajjii 23, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Gullalleetti balaan Ibiddaa muudatee ture miidhaa cimaa osoo hin qaqqabsiisiin to’atamuu himame.

Guyyaa ha’aa naannoo sa’aatii 7’tti Paarkii Biqiltootaa Gullalleetti balaan ibiddaa muudatee ture tattaaffii taasifameen miidhaa cimaa osoo hin qaqqabsiisiin to’atamu Itti aantuu Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsaniiru..

Poolisoonni Finfinnee, Federaalaa, miseensonni Raayyaa ittisa biyyaa, Komiishinii hoggansa balaa abiddaa Magaalaa Finfinnee, Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii,Hoggansa naannichaa fi hawaasni hirmaannaa taasiisaniin too’atamuu Adde Adaanech himaniiru.

Hawaasa hirmaannaa taasiisan hunda galateeffataniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.