Fana: At a Speed of Life!

Balfa gogaa deebisanii fayyadamuun galiin Birrii miiliyoonni dhibbi 4 fi 32 ol argame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2013 (FBC) – Balfa gogaa deebisanii fayyadamuun galiin Birrii miiliyoonni dhibbi 4 fi 32 ol argamuu Ejansiin Bulchiinsa Balfa Gogaa Magaalaa Finfinnee beeksiise.
Magaalaa Finfinneetti balfa gogaa deebisanii fayyadamuun hojiileen hojjetame addabaabayi Miniilikitti agarsiisaaf ifatti fanameera.
Agarsiifni qopheessummaa Ejansii Bulchiinsa Balfa Gogaa magaalaa Finfinneen qophaa’e kun bakka Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa olaanoon magaalichaa argamanitti banameera.
Baatiwwan salgan darbanitti dubartoonni fi dargaggoonn kumni 3 fi 88 balfa gogaarraa Kompoostii, Waraqaa, Kaartoonii, Qaruuraa fi Pilaastikaatti deebisanii fayyadamuuf gurmaa’an oomisha toonee kuma 36 fi 280 walitti qabuu ibsameera.
Balfa gogaa walitti qabamurraa galiin Birrii miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 32 ol argamuu himameera.
Sagantaa qulqullinaa baatiwwan darban lamaniif mata duree ‘ani qulqullina naannoo fi magaalaa koof ambaasaaddar’ jedhuun gaggeeffamaa ture keessatti qaamolee hirmaannaa olaanaa taasiisaniif sirni beekkamtii laachuu Istaadiyeemii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.